By: Jawar Mohammed
Gamtaan Awuroppa walgahiuin hatattamaa waame injifannoo guddaa gama diplomaasiitin argameedha. Hiree kana daran fayyadamuufi walgahiin kun murtii cimtuu akka dabarsuuf gama qabsaa’aota Oromootin hojiilee armaan gadii hojjachuun barbaachisaadha>
1) Waraqaa sababa, adeemsaafi galii sochii kanaa agarsiisu qopheessuu. Kana warri OSA hojjachaa jiran.
2) Warri Awuroppaa Brussels dhaquu dandeessan mormii sagale maleessa ( quite protest) fuuldura eddoo walgahii sanititti qindeessuun hedduu barbaachisaadha. Ummanni achitti bahes waraqaalee dhimma qabsoo kanaa hima ( infographics, pamphlets) ummata seenee bahuff hiruu barbaachisa. Kun warra galma keessatti dhimma akana mari’atuff hamileefi dhiibaa ta’a. Achumaanis ministeera haajaa alaa Wayyaanee kan Brussels daaw’atu mormuuf gargaara. kana qopheessuuf yeroo gahaa akka hin qabne ni beekama. Garuu mormiin gaafas godhamuun hedduu murteessaa waan ta’eef waan dandeessan hundaan milkeessuuf tattaafadhaa.
3) Warri biyya keessaa haala danda’ameen guyyoota as deeman keessatti falmaa daran finiinsuun warraa Awuroppaa walgahi taa’urratti dhiibbaa cimaa uuma. Akkuma beektan Wayyaaneen haala jiru too’annee jirra jettee itti sobuun hin oolu. Soba isii fashalsuun barbaachisaadha. Dabalataan gaazexeessitoonni biyya alla kan Finfinnee jiran mormii Oromoo kana yeroo lammataaf gabaasuuf qophaayaa jiran. Kanaafuu waan haaraya gabaasan barbaadu. Jimaata, sanbattan lamaanifi Wiixata sochiin cimuu qaba.
Dhugaa qabna, tumsaan hojjanna, ni moo’anna!!