By Jawar Mohammed
Abbaay Xahaayyee duula OPDO irratti bane gara abbootii qabeenyaa Oromootti babal’isee
Gaafif deebii har’a baherraa akkuma dhageessanitti Abbaay Xahaayyee lafti Oromoo saamamaa jiraachuu amanee, kan saamsise OPDO kan saamaa jiru ammoo qabbootii qabeenyaa Oromooti jedha. Jara kanatu yakka ofii dhoksuuf ummata Oromoo maqaa Maastar Pilaaniitiin fincilsiisaa jiraas jedha.
Ololli Oromoota yakkuu kun akeeka sadih of keessaa qaba. Kan duraa yakkaa ummata Oromoo lafarraa buqqaasuufi ajjeesuu kana Wayyaaneefi qondaalota Tigrootaa irraa fageessee Oromoo irratti dhuubuun, Oromotu Oromoo saame, ajjeese, hidhe jechuufi. Haala kanaan ofii of qulqulleessanii Oromoota bakka lamatti baasanii wal nyaachisuu barbaada. Akeekni olola kanaa kan lammataa, karoora Wayyaaneen OPDO diiguuf lafa kaayatatteef haala mijeessuudha. Torbanniif baatilee as deeman keessatti OPDO keessati gubbarraa hamma gaditti tarkaanfiin ari’ii, hidhuufi ajjeessuu akka godhamuuf deemuu kan amma dura dubbataa turre har’a Abbaay Xahaayyee ifa baasee jira. Akeekni sadaffaa ammoo abbootii qabeenyaa Oromoo sababa kanaan rukutuudha.Abbootii qabeenyaa Oromoo rukutuun waan lamaaf isaan fayyada. 1) Daldaltoota Oromoo rukutuun humna diinaggee qabsoo Oromoo laaffisuuf 2) Oromoota daldala keessaa guututti baasuun kaayyoo ol’aantummaa diinagdee Tigrootaa jaaruudha.
Yeroo OPDOn siree Wayyaanee daddayxe tana deebiftee gadi dhaabuuf wixxifattu kanatti, hogganaan Wayyaanee arraabaafii diirsisaan galata isaaniif galchaa jiraachuu ni hubatan jennee abdanna. Torban sadi dura Abbaan Duulaa raadiyoo Wayyaanee tokkorratti dhihaachuun malaammaltummaadhaan OPDO yakkuun haa dhaabbatu jechuun waywaatee ture. Haasaan Abbaay Xahaayyee kan ammaa dubbii Abbaa Duulaa saniif deebii tuffii tan suduudaa ta’uu isaatis hubachuun barbaachisaadha. Ee maal fidda ammas irra deebi’eetin si arrabsa jechaanii jira.
Haasaya Abbaay xahaayyee kana keessaa faaydaan Oromoon argate tokko garuu jira. Fincila Oromoon lafti tiyya saamamtee jirti jedhuuf afaan abbaa saamsiseetirraa ragaa jabaa argatee jira.
Dhugaan Oromoo afaan qaban funyaaniin xiixxee bahaa jirti. Qabsoon itti fufa. Mootummaan hattootaa kun ni kufa!!