Arsiin Dhihaa ammatti guutummatti bilisummaa dhadhamutti jirti

0
798

Sochii guyyoota muraasaaf osoo wolirra hin citin geggeeffameen ummanni godina Arsii Lixaa sadarkaa guutummatti jechuun danda’amuun naannoo isaa harka lukkee Woyyaanee, OPDOtii, baafachuu danda’eera. Yeroo kanatti, angawoonni OPDO heddu ummatatti makamaniiru; kana booda diinaaf hin hojjannu, ummata keennas hin saaxilluuf kakatanii. Kanniin baqatan eessa akka seenan hin beekamu. Waajjiroonni OPDO aanaa Kofalee, Shaashamannee, Kokkossaa, Qoree, Ajjee fi Siraaroo kan magaala fi baadiyaa guutummatti gara cileetti geeddaramaniiru. Yeroo kanatti OPDOn godina Arsii Lixaa hantuuta boolla hin qabne taateerti.

Humni Agaazii fi federaalaa gara Ajjee, Siraaroo fi Shaallaa gadi bu’uuf onnee hin arganne. Daandii Dodolaa fi Adaabbaa irra lammii malee diinni yoo socho’u hin mudhanne. Ummanni godina kanaa ajjeechaan fi dararaan yeroo addaatti irratti raawwatame (Asaasa, Kofale, Adaabbaa fi kb) kan isa hin jilbiiffachiisne ta’uu ifatti argisiiseera.

Ummanni Godina kanaa naannoo Adaamii Tulluu fi Goobeetti kan argaman horsiisa horii Woyyaanee gurguddaa lama ibiddaan tajaajilaan ala godhanii loon ammoo oofatanii galaniiru. Callaan omisha qonnaa Jibuutii fi Arabtoonni Seeroftaa fi Gofoore irraa haamtee ummata afaan qabdee gara Jibuutii fi biyyoota Arabaatti fe’uuf ooydatti wolitti qabdee turte, ummanni Waabee fi Eddoo irbaata ibiddaa taasiseera. Mooraa qonnaa Seeroftaa fi gofooree irratti haleellaan raawatee waajjiroota barbadeessanii jiru. Omisha fi buufata qonnaa Ardaa Etaa, Heeraroo, Xameelaa fi Garaadelaas gubuuf ummanni yaalii cimaa taasisaa jiraachuun barameera. Naannawa magaalaa Bulbulaatti (Shaashamannee fi Baatuu jidduu) konkolaataan Al Amuddiin 5 gaaza isaa woliin boba’eera.

Daandiin gara magaalota godinichaatti geessan bakka hundatti ummataan (dhagaa, mukaa fi ibiddaan) cufamuun sochii woraanaa mootummaa hedduu danqee jira. Dhaagaa fi mukni ummanni daandii irratti baay’inaan (Shaashamannee hanga Roobeetti, Dodolaa hanga Boqqojjiitti) tarreesse hujii Agaazii dhagaa guuruu fi daandii qulqulleessuu taasise. Tooftaan addaa ummanni godina kanaa dhimma itti bayaa jiru: Agaaziin daandii qulqulleessee haa xumuruu eeganii idoo itti dhokatanii as bayanii ammas irra deebi’aa dandii cufuu isaaniiti. Bifa kanaan guutummatti sochii Agaazii laamshessuun danda’ameera. Ummata gabrummaan nagaye jedhee dhaabate jilbiiffachiisuun tasa hin danda’amu.

Saboonni ollaa godina Arsii Lixaa (ummanni Sidaamaa fi Alaabaa) ummata Arsiif tumsuuf qophii irra jiraachuun himameera. Hanga ammaattis deeggarsa bifa addaddaa laataa turuu isaaniiti kan dhagayame. Woyyaanee jilbiifachiisuuf wolhubannaan akkanaa jajjabeeffamuu qaba.

Godina Arsii Lixaa fi godinoota Oromiyaa biraa keessatti kan ta’e gocha gootummaan abbaa-irree afoo dhaabatanii naannoo ufii bilisoomsuuti. Woyyaanee jilbbiiffachiisuu fi bilisummaa balbala irra jirtu olseensisuuf hunda Oromoo irraa kan eeggamu fakkeenya gaarii Shawaa Lixaa, Gujii, Harargee Lixaa, Wollagga Lixaa fi Arsii Lixaatti ta’e qofa naannoo naannoo keennatti hujii irra ollchuudha. Tokkoo tokkoo keenna dirqama gandaa fi qe’ee keenna bilisoomsuu daqiiqaafis akka qabnu hin dagatinaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here