OROMIYAA WARAANAAN DOORSISANII HARKA KENNISIISUN WAAN HIN YAADAMNE

0
818

Obo Jaawar Mohammed

Akkuma kaleessa galgala ibsame Jeneraalonni waraanaa Wayyaanee Oromiyaa ifatti beeksisee Oromiyaa bulchutti seenee jira. Kun tarii waan nama naasisu ta’uu mala. Garuu tarkaanfiin kun waanuma eeggamaa tureefi bu’aa tarsiimoon qabsoo Oromoo fidde ta’uu hubachuu feesisa. Ummanni keenya Oromiyaa kittillayyoota harkaa waan baafateef, Wayyaaneen ifatti as baatee Oromoo humna waraanaatin bulchuuf dirqamtee jirti. Kun ammoo dogongora tarsiimoo hamaa kan keessaa bahuu hin dandeenye keessa isaan galchuun, qabsoo Oromootif garuu hiree qabsoo finiinsitu tan biroo dabalee jira. Mee Akeekni tarkaanfii kanaa maali? Qabsoo Oromootif dhiibbaafi faaydaan fidu hoo? Kanarratti xiinxala armaan gadii dhiheessinee jirra.

Mee Waraanni kana godhuu maalif barbaade kan jedhu irraa haa eegallu.

a)Erga Mallas du’ee as aanga’ota siyaasaa Wayyaanee (political leaders) jiddutti waldiddaan uumamuun ifa. Waldhibdeen kun akkaataa dhimma Oromiyaa deebisanii dhunfatan irratti daran hammaatee jira. Namni ifatti hoggansa kennus hin jiru. Waan takk murteesse kuun jalaa diiga. Tarkaanfii amma fudhatan kanaan janaraalonni, warra hoggana siyaasaatin, haala jiru hogganuudhaaf tokkummaa, tarsiimoofi murannoo hin qabdan, kanaafu hoggansa nutu harkatti galfachuu qaba jechuu isaati. Kun waanuma biyyoota heddu keessatti yeroo jeequmsi uumame hoggansi siyaasaa too’achuu dadhabe tarkaanfii waraanni fudhatuudha.Halli Oromiyaa kun daran itti fufnaan jeneraalonni aangoo mootummaa federaalaatis harkatti galfachuun waan hin oolle.

b)OPDO fi damee nagaya eegsiftuu Oromiyaa ( poolisii, milishaa, dhaaba) irraa guututti amantaa dhabuudha. Hubadhaa ji’oota afran dabran waraanni Oromiyaa unkuraatuma jira. Garuu damee nageenyaafi bulchitoota zooniifi aanaa of dura qabeet ture kan socho’u. Akkasin haala tooa’chuu waan dadhabeef OPDOf dameen bulchiinsaaf nageenyaa lafa jalaan daba narratti hojjataa jiran jedhee shakka. Kanaaf damee nageenyaa Oromiyaa ifatti of jalatti deebisee ajajuufi too’achuuf barbaadee jira waraanni.

c) San biras darbee tarkaanfilee milishaan gandaafi poolisin Oromiyaa Shawaa Lixaa, Arsii Lixaafi Wallagga Lixaa keessatti Agaazii irratti fudhatan sun haalli kun itti fufnaan humni Oromoo hidhatee jiru kun guututti fincilee balaa buusuu mala sodaan jettu jabduudha. Kanaafu milishaafi poolisii Oromiyaa kana ajajaafi too’annaa human waraanaa jalatti deebisuun akka hin fincille too’achuuf yoo dubbiin jabaattees saffisaan hiiksisuu ykn rukutuuf haala mijeeffachuu barbaadan.

d) Hunda caalaa garuu tarkaanfiin kun tooftaa Oromoota ittiin doorsisani. Qondaalota OPDOtin nuti isiniif gooftaadha, afaan qawweetin isin bulchina, wixxifattan isin haleella jechuu fedhan. Ummata Oromootin ammoo amma booda milishaa laaftuufi poolisii isiniif garaa naatuun osoo hin taana hoomaa waraanaa hidhannaa guutuufi aangoo ajjeesuu qabuun isin rukunna jechuu feeti. Kun ammas biyya heddutti waraanni yeroo muddame tarkaanfi agarsiisa humnaa ( show of force) muldhisuun tooftaa sodaa uumuuf itti fayyadamuudha.

DHIIBBAAFI FAAYDAA MURTII KUN QABSOO

Dhiibbaa: Waraanni dabalataa gara Oromiyaa seenuun tooftaaf of eeggannoon sochoonu malee gaaga’ama lubbuu dabaluuf ummata shoorarkeessuu ni mala. Garuu hamma fedhe humna yoo dabalan Oromiyaa guututti too’achuu hin danda’amu. Akkuma yaaadatamu sochiin kun eegalee torban lama keessatti ‘command post dhaabbatee waraanni Oromiyaa keessa socho’uu eegala. Ergasii yero yeroon humna dabalataa yoo deemaniis fincilli babal’ataa malee dhaamaa hin deemne. Dhiibaa loltoonni gandootaaf magaalaa keessa baay’achuu irra aanuuf tooftaalee fooyyeffchaauu barbaachisa.

Faaydaa: Jeneraalonni Wayyaaneen ifatti waraanaan Oromiyaa bulchuu eegaluun miidhaa isaarraa faaydaatu caala. Faaydaalee kana keessaa muraasa yoo tuqne;

a) Faaydaa Siyaasaa: Wayyaaneen hanga ar’aa ilmaan Oromoo of dura qabdeet akka waan mootummaa saba hunda bakka buututti of dhiheessa turte. Ummannis dhugaa yoo beekes ilmaanuma gudeeda isaatii bayanii bitaman san rukutuun garaa isaa nyaachuun hin oolle. Amma ilmaan alagaa ifaa ifatti suduudaan Oromiyaa bulchuuf murteessuun isii dhugaa jrtu as baasuun lolli ifatti Oromoofi Wayyaanota jidduu akka ta’u fayyada

b) Waraanni aangooma fakkeessaa OPDOn qabaachaa turte san irraa mulquun jara keessatti muftoo uumuniifi warra gara mooraa qabsoo goraa jiranitti hedduu isaanii akka dabalu shakkiin hin jiru. Waranni Wayyaanee amala tuffii hamaa qabaachuun isaa beekamaadha. Kun ammoo poolisii Oromiyaafi milishoota waliin walitti bu’uun akka dabalu godhu. Kun ammoo tattaaffii ilmaan Oromoo qawwee alagaa baadhatan san gara saba isaanii akka goran gochuuf yaalamaa jiru ni tumsa.

c) Baasin Babaluu: Jiddu galli tarsiimoo qabsoo tanaa humna diinaggee Wayyaanee laamshessuudha. Kun ammoo tooftaa gargaraatin hojitti hiikkamee milkaayaa jira. Waraana mooraa irraa baasanii yeroo biyya keessa facaasani baasii geejjibaaf, durgoof, meshaadhaf kkf baasiin ni dabala. Akka tilmaama amma jiruutti waraanni Oromiyaa keessatti bobbaafame ji’oota lamaaf yoo ture, baasiin humna ittisa biyyaa kan waggaa yoo xinnaate dachaan ni dabala.

d) Faaydaa Diplomaasii: yeroo addunyaan amma keessa jirtu kanatti waraanaan ummata bulchuun qaanyiidha. Wayyaaneen ifatti waraanaan biyya bulchutti seenuun isii deeggarsa diplomaasii saffisaan dhabaa jirtu daran hiri’isa. Hamma fedhes dantaadhaaf ishee barbaadan biyti dhihaa takkaleen ummata duratti as baatee tarkaanfii kanaan sirriidha jechuu hin onnatu. Akkasumas humannaa Oromoo ‘nuti humnaan bulaa jirra, siyaasaafi diinaggee keessaa hirmaannaa hin qabnu, federaalizimiin jedhamu kan sobaati’ jedhu san guutut guututti mirkaneessuun tumsa diplomaasii nuuf cimsa.

Kanaafuu gara hundaan yoo madaalamu Wayyaaneen Oromiyaa ifatti humna waraanaatin bulchuuf murteessuun injifannoo qabsoon tun argamsiifte keessa tokko. Injifannoon kun ammoo qabsoo daran finiinsuuf haala keessaafi alaa mijeessa. Tooftaalee dabalata humnaa diinaa kana irra aanuuf fayyadan dhihotti maxxansina. Nu eeggadhaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here