Bekele Gerba: Afaan Oromo
Guyyaa har’aa Obboo Baqqalaa Garbaa Kaanaateeraa keessaa; Kofoo gabaabduu fi miila duwwaa mana murtiititti dhiyaatan;
” Gaggeessitoonni Bulchiinsa Manneen Sirreessaa hamma hin jijjiiramnetti jiruun keenna rakkoo guddaa keessa jira; beellama itti aanuf nabsedhaanuu argamuu keenna ni shakkina”
” Gara kutaa dukkanaatti fuudhanii nuun deeman. Nu keessaa gartokkee keenya akka malee nu tuman”
” Akka Lammii Biyyattiitti lakkaawwamaa hin jirru”
Obbboo Baqqalaa Garbaa
—————
” Beellama keenna isa dabre irratti uffata gurraacha mana murtiitti dhiyaachudhaaf uffanne baafadhaa nuun jedhan. Nutis hin baafannu jennee mormine. Uffata barbaanne kaawwachuun mirga heera biyyattiittiin nuuf kenname jenneen. Nuti uffata gurraacha kan uffanneef Lammileen Sabaan Oromoo ta’an Kuma 50 ol mana hidhaa keessatti kan argamaniifii dabalataan waggaa kana keessatti qofa lammiilen Oromoo 200 – 300 ajjeefamuu isaaniitiif gadda nutti dhagayame ibsuuf ture. Gochi nuti raawwanne hundi seera fi hojmaata mana sirreessaa haala hin tuqneen ture. Kuni gonkumaa hin ta’u jedhanii nu dhoowwan, nutti dallanan, nu sodaachisuudhaaf yaalan, nu arrabsan.
” Kaleessa sa’aa booda namoonni mana murtiitti dhiyaannu adda baafamne akka dhufnu godhamne. Eddoo jirruu uffata keenya qabannee akka baanu godhame. Uffata keenya keessaa uffata gurraacha barbaadanii fudhatan. Nutis ” uffata keenya hunda isaa nuuf deebisuu qabdu jennee gaafanne. Isaanis gara mana dukkanaa fuudhanii nuun deeman. Nu keessaayis namoota tokko tokko garmalee tumaadhaan dararan. Namootni tumamanis asuma waan jiraniif dhadacha fuulduratti waan irra ga’r kana ibsachuu ni danda’u. Uffatni keenya hundi isaa lafarratti waan bittinneeffameef hidhamtoonni biroo kan barbaadan keessaa fudhatan. Isa hafe fidanii kutaa keenya keessatti darban. Hanga har’aatti midhaan hin nyaanne. Harki keenya hamma ganamaatti Kaateenaadhaan hidhamee ture. Gochi suukaneessaan nurratti raawwatame hundi kan Oromummaa keenyarratii xiyyeffateedha. Lammiin sabaan Oromoo ta’e qofti filatamee garmalee tumamaa jira. Eddoon itti hidhamne kan ilmi namaa sababa sabummaa isaatif qofa itti adabamuudha. Anaanis ‘ Kan kana godhu sihi, si arganna’ naan jedhanii jiru.
Manni murtii eddoo turtii biraa akka nuuf mijeessu ni gaafanna. Ammas yoo gara mana hidhaa Qiliinxootti nu deebistan waan nurra ga’u hin beeknu. Sodaa guddaa qabna. Hoggantoonni mana sirreesichaa hamma hin jijjiiramnetti nabsee keennaaf ni sodaanna. Haala kanaan Beellama itti aanuf nabseedhaan argamuu danda’uu keenyas amantii hin qabnu. Maatin keenya akka nu hin daawwanne dhorgamaa jiru. Har’as erga dallaa mana murtii keessa seennee booda Namootni akka nu hin argine godhameera. Wanti akkanaa kuni mootummaadhaaf maal isaaf godhaa? Akka lammiitti lakkaawwamaa hin jirru.”
Bekele Gerba speach Amahric translation
#OromoProtests here is Bekele Gerba’s speech at the court in Amharic as reported by journalist Elias Gebru Godana who was at the court
ዛሬ አቶ በቀለ ገርማ በውስጥ ከነቴራ፣ በቁምጣና በባዶ እግራቸው ፍርድ ቤት ቀረቡ
‹‹የማረሚያ ቤቱ ኃላፊዎች እስካልተቀየሩ ድረስ ሕይወታችን የከፋ አደጋ ላይ ነው፤ …ለቀጣይ ቀጠሮ መገኘታችንምም እርግጠኞች አይደለንም››
‹‹ወደጨለማ ክፍል ወሰዱን፡፡ ከመካከላችን የተወሰኑትንም ክፉኛ ደበደቧቸው››
‹‹እንደዜጎች እየተቆጠርን አይደለም››
አቶ በቀለ ገርባ
—————
‹‹በባለፈው ቀጠሯችን ለብሰን ፍርድ ቤት ልንቀርብ የነበረውን ጥቁር ልብስ አውልቁ ተባልን፡፡ አናወልቅም አለን፡፡ የፈለግነውን የመልበስ ሕገ-መንግስታዊ መብታችን ነው፡፡ ጥቁር ልብስ የለበስነውም፤ ከ50ሺህ በላይ የአንድ ብሄር ተወላጆች እስር ቤት መገኘታቸውንና በዚህ ዓመትም በጥቂት ወራት ውስጥ ከ200-300 የሚደርሱ የኦሮሚያ ክልል ተወላጆች መገደላቸውን በማዘን ለመግለጽ ነው፡፡ ድርጊታችንም ይሆን የነበረው የፍርድ ቤትን አሰራርን ምንም በማይነካ መልኩ በሰላም ነው፡፡ ይሄ አይሆንም ተብለን ዛቻና ስድብ ተደሰብን፡፡
ትናንት ከሰዓት በኋላ ዛሬ ፍርድ ቤት የምንቀርብ ሰዎች ለይተን ከየክፍላችን እንድንመጣ ተደረገ፡፡ ልብሶቻችንንም ይዘን እንድንወጣ አደረጉ፡፡ ከልብሶቻችን መካከል ጥቁር ልብስ እየተፈለገ ተወሰደ፡፡ እኛም ‹ልብሶቻችንን በሙሉ ልትመልሱልን ይገባል› ብለን ጠየቅን፡፡ ወደጨለማ ክፍል ወሰዱን፡፡ ከመካከላችን የተወሰኑትንም ክፉኛ ደበደቧቸው፡፡ የተደበደቡት ሰዎች እዚሁ ስላሉ ለችሎቱ መናገር ይችላሉ፡፡ ልብሶቻችን ሜዳ ላይ ተበትኖ ስለነበረ ሌሎች እስረኞች የሚፈልጉትን ወሰዱ (ተቀራመቱት)፡፡ የተረፈውን አምጥተው ክፍላችን ውስጥ አስቀመጡት፡፡
ዛሬም ድረስ ምግብ አልበላንም፡፡ እጆቻችን ጥዋት ድረስ በካቴና ታስሮ ነበር፡፡ በዘረኝነት ላይ የተመሰረተ ድርጊት ነው የተፈጸመብን፡፡ የኦሮሞ ተወላጅ ብቻ እየተመረጠ ተደብድቧል፡፡ የታሰርንበት ቦታ በዘረኝነት ላይ የተመሰረተ ተቋም ነው፡፡ ‹አንተ ነህ እንዲህ የምታደርገው፡፡ እናገኝሃለን› ብለውኛልም፡፡ ፍርድ ቤቱ ተለዋጭ/ ተቀያሪ ማቆያ ቦታ ያዘጋጅልን፡፡ አሁንም ተመልሰን ቂሊንጦ ስንሄድ ምን እንደሚደርስብን አናውቅም፤ ስጋት አለን፡፡ የማረሚያ ቤቱ ኃላፊዎች እስካልተቀየሩ ድረስ ሕይወታችን የከፋ አደጋ ላይ ነው፤ በጣም ያሰጋናል፡፡ ለቀጣይ ቀጠሮ መገኘታችንምም እርግጠኞች አይደለንም፡፡ ቤተሰቦቻችን እንዳያዩን እየተደረገ ነው፡፡ ዛሬም ፍርድ ቤት ቅጥር ግቢ ውስጥ ከገባን በኋላ ሰዎች እንዳያዩን ተደርጓል፡፡ እንዲህ የተድበሰበሰ ነገር መንግስት ለምን ይሰራል? እንደዜጎች እየተቆጠርን አይደለም፡፡››