Seenaa Qabsoo bilisummaa fi Jaarmaaiyaa hawaasummaa Oromoo keessatti waldaa Maccaa Tuulamaa bakka guddaa qabaachuu qofa otoo hin taane Gaaddisa guddaa ka’umsa waan Oromoon qabu hundaati. Waldaa Macaa Tuulamaa Oromoota Hundaaf qabeenya waloo fi hara hundaa malee gartokkaayaa qaama ykn warra tokko qofaa waliin dhaabbatuu miti. Kun hubatamnaan keessumaa haala Oromoon biyya alaa kun bakkayyuttuu wal-qoodee garee gareedhaan waa ijaarsaan ko’oommachaa jiru keessaa maqaan Waldaa MT makachuun dhoowwaa tahuu qaba. Hin ta’inii yoo didee ta;e Barcumni issaa barcuma waltajjii araaraa waldiddaa qomoowwanii ykn gareewwanii oromootaa furuuf qofa ooluu qaba.
Waldaa Maccaa Tuulamaa inni haadhoon biyya keessaa dhiibbaa garee biyya keenya dhuunfatee jiruutin hujiirraa dhoowwamee akka cufaatti jiru beekkamaa waan taheef waldaa MT amma irraa dubbannu Issa 2010-11 maqaa WMT USA jedhamuun hundaa’e akka ta’e namuu hin hubata jennee abdanna.
Hundeeffanni WMT USA seenaa duubbee irraa ka’e qaba. Innis Damee WMT Georgia fi naannoo ishee kan bara 2007 Atlantatti hundaayee 2008 yaa’ii duraa MNti 2009 yaa’ii laammataa Atlaantaatti 2010 yaa’ii sadaffaa DCti qabaateen bu’ureeffamuu WMT USAf sababa ta’etu duubbee seenaa issaati.
Kaayyoon Damee waldaa MT Georgia fi naannoo ishee kaayyoo ganamaa waldaa Macaa Tuulamaa ittiin ka’e bakkaan gahuuf yaalii godhamu keesatti qooda uummata keenya biyya alaa qideessuun akka dandahuuf ture. Kunis beekkumsaa fi Aangoo guutuu WMT issa haadhoo biyya keessaa jalatti qofa akka tahu seerri bu’ura damee kanaaf qophaahee Waldaa haadhoo biyya keessaaf dhiyaatee gorsaa seeraa fi Itti aanaa prezeaantii Waldichaa Obboo Baqqalaa nadhiin biyyoon itti haa salphattuu akka seera tahee ittiin ojjatamu mirkanaa’e hin muldhisa. Dameen kun damee yaroo duraaf seera waldichaa ordofee waraqaa ragaa waldaa haadhoo irraa argateen biyya alaa keessatti hundaa’e ta’uunis beekkamaa dha.
Akkasumas qindeessummaa Dr Mardaasaa Aaddisuutin CA keessatti boodarra Dameen biraa Hundaa’ee turuunis waan dagatamuu miti. Dameewwan kana lachuu dachaasuun WMT USA hundeessuuf Murtii Ta’een hujiin dameewwan kanaa duubatti dhiifamee Issa USAtti dhormame. Dr Mardaasaanis Barreessaa Boordii WT USA issa duraa ture. Mariin gaafa tokkoolleen seenaa duubbee dhimma tokkoo tahuun karaadha jennee waan amannuuf kan kuni mufachiisu ykn mormii itti huumuuf jiraatu hin jira jennee hin yaadnu.
Bu’urri WMT USAs kana duubbee godhatee waan hundaa’eef amma quba irraa qabnutti yaada kanaan addaa qabaata jennee hin shakkinu.
Sababni barruu kanaa Hundeeffamuu Giloobaal gumii Gaayyoo /GGO/ qindeessuu keessaa qabu jedhamanii qaamolee tarreeffaman keessatti gaffii deebiiwwan gaggeeffaman keessatti xuqamuu issaati.
Ammaaf waanti gaafannu ijoowwan murteessoo lama qofa
- Diinatu uggure malee Oromoo dhaaf Waldaan Maccaa Tuulamaa Inni haadhoon biyya keessaa ammayyuu jira, gara fuul-duraas hin jiraata. Kanaaf ala kanatti WMT USA malee maqaan waldaa Maccaa Tuulama jedhu hin jiru. Kanaaf namuu yoo WMT USA bakka bu’ee dubbatu WMT USA malee Waldaa Maccaa Tuulamaa jechuu irraa akka ofqusatu.
- Gaaddisa guddicha Oromoo hundaaf waloo maqaa WMT gaaddisoota gareewwan ykn qaamawwan kamiinuu huumaman biro jalatti sutuuf yaaliin akka hin godhamne, GGOnis tarree maqaalee ofjalatti tarreessee keessaa baasee baasuu issaa hifatti keessumaa karaa sabaa himaalee kana dura gargaaramee gareewwan GGO hundeessuu keessaa qooda qaban ittiin ibserratti akka beeksisu, Boordiin WMT USA kan kana dura ta’e akka sirreessu gara fuulduraa dogoggorri faakkaataan akka hin raawwanne tika barbaachisu akka godhu kabajaa maqaa Waldaa misoomaa Maccaa Tuulamaatin gaafanna.
TTQ